Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awrooppaa Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 53.7  taasise

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC)- Gamtaan Awrooppaa Ityoophiyaatti lammiilee tumsa barbaadaaniif deeggarsa Yuuroo miiliyoona 53.7  taasiseera.

Gamtaan Awrooppaa naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadan dabalatee biyyatti lammiilee deeggarsi barbaachisuuf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 53.7 taasisuu ifoomseera.

Gamtichatti komishiniin hoggansa balaa Jaaneez Leenaarchiichi, naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaniif dursi akka laatamuu ibsaniiru.

Deeggarsichi naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaan dabalatee lammiilee sababoota adda addaa fi walitti bu’insaan buqqa’aniifis ni oola jedhameera.

Gamtaa Awrooppatti komishiniin hoggansaa balaa Jaaneez Leenaarchiichi boruu Ityoophiyaa galuun  Itti aanaan Muummee Mnistiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin waliin ni mar’atuun eegama.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.