Fana: At a Speed of Life!

Gamtichi imalli Ameerikaa gara Awurooppaa taasiifamu akka dhorkamu yaada dhiyeesse

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) – Manni Maree Gamtaa Awurooppaa imalli Ameerikaa gara biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaatti taasiifamu akka dhorkamu yaada murtoo dhiyeesseera.
 
Gamtichi yaada kana kan dhiyeesse Ameerikaatti weerarri vaayrasii koroonaa daraan babal’achaa dhufuu hordofee ta’uu ibsameera.
 
Akka gabaasaa dhaabbata Fayyaa addunyaatti Ameerikaatti torbee darbe qofa namoota kuma dhibba 9 fi kuma 77 fi 947 vaayrsii koroonaan qabaman keesaa lubbuun namoota kuma 7 fi 394 darbeera.
 
Manni marichaa dabalataan imalli Isiraa’eel, Libaanoos, Moonteeneegiroo, Meeqeedooniyaa fi Koosoovoo irraa gara biyyoota miseensa gamtaa Awurooppaatti taasiifamus barbaachisaa akka hin taane ibseera.
 
Namoota biyyoota eeramanirraa gara Awurooppaa imalan hundaaf qorannoon addaa akka taasiifamuu fi iddoo tursaa keessa turuu akka qaban gamtichi yaada dhiyeesseera.
 
Maddi:-Shiiniwaa
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.