Fana: At a Speed of Life!

Ganna kana dareewwan barnootaa dabalataa 30,000 ijaarramaa jiraachuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Adoolessa 30, 2012 (FBC) – Ganna kana dareewwan barnootaa dabalataa 30,000 ijaarramaa jiraachuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.
 
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon hojii Ganna kana keessa kenniinsa tajaajila lammummaan hojjetamaa jiran ilaalchisee har’a miidiyaaleef ibsa kennaniiiru.
 
Hojii gannaa kanaan hojjetamaa jiruun manneen barnoota kuma 10 keessatti dareewwan dabalataa 30,000 ol ijaarsisuu fi hojjetamaa jiraachuu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa eerera.
 
Gama biraan aadaa dubbisaa hawaasa naannoo keenyaa ol guddisuuf manneen kitaabaa barattootaa 8,000 fi manneen kitaabaa uummataa 6,00 ijaarsisaa jiraachuu ibsameera
Akkuma beekamu bara darbee sababa Covid 19 manneen barnootaa cufamuun barattootni manatti kan galan yoo ta’u bara dhufu tatamsa’inni dhibee kanaa yoo baduullee baate xiqqaatee wayita mootummaan ibsutti manni barnoota banamuu danda’a kan jedhan Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr Tolaa Bariisoo, kanaaf kutaan dabalataa barattootni akka walirraa siqanii taa’aniif kan fayyaduudha jedhaniiru.
 
Karaa biraa immoo kutaan ku dabalamuun istaandardii qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabas jedhan.
 
Ijaarsa kanarraatti tola ooltota kan akka maatii,abbootii qabeenyaa, dhaabilee industiriifi namoota dhuunfaan gumaacha taasisaa jiraachuu Dr. Tolaan ibsaniiru
Akka fakkeenyaatti Shawaa lixaas keessati namni lama mana barnoota lama dhuunfaasaaniin kan ijaarsisan yoota’uu Bulee Horaa,Harargee Bahaa,Magaalaa Galaan,Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Sabbataa,fi kanneen biroo keessatti hojiin tajaajila tolaa daree dabalataarratti hojjetama jira jedhan.
 
Karaa gama biraan aadaa dubbisaa barattottaafi hawaasa naannoo keenyaa guddisuuf mannen kitaabaa barattootaa 8,000 kan uummata 6,00 cimsuuf hojjetamaa jirachuu ibsanii kanaafimmoo kitaabota namoota dhuunfaafi dhaabbilee addaddaa biyya keessafi alaarra waliiti qabuuf waamicha taasisaniiru.
 
Haaluma kanaan Hagayyaa 1-30 bara 2012 tti warren Magaalaa Finfinnee jira Giddugala Aadaa Oromootti, kanneen godina,magaalotafi aanaalee Waajjiraalee Barnootaa naannoosaanitti kitaaba kana haard koppiifi soofti koppiin kan waltti qabamuu yoo ta’u kanneen biyya alaa jiran imbasii biyya jiranitti karaa Ministeerra Haajaa Alaafi WMO kan isaan qaqqabu ta’uu Dr. Tolaan ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.