Fana: At a Speed of Life!

Garee finxaaleyyii biyya keessaa fi alaa yakkaa saamichaa fi Miidiyaa fayyadamuun olola biyya diiguu raawwatanirratti ajajni qabamuu ba’e

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) –Hoggantoota waraanaa olaanoo sadarkaa garaagaraarra jiranii fi qaamolee dhuunfaa biyya keessaa fi alaa yakkaa saamichaa fi miidiyaa fayyadamuun olola biyya diiguu raawwatanirratti ajajni qabamuu ba’u Komishiniin Poolisii federaalaa beeksise.

Hoggantoota waraanaa olaanoo garee finxaaleyyii ABUT sadarkaa garaagaraarratti argaman yakka biyya ganuu fi yakka saamichaan barbaaddamanii fi qaamolee dhuunfaa biyya keessaa fi alaa yakkaa biyya ganuu fi miidiyaa fayyadamuun olola biyya diiguu raawwatan namoota 35 irratti ajajni qabamuu ba’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa ibsa Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif ergeen ifoomseera.

Haaluma kanaa hoggantoota waraanaa olaanoo sadarkaa garaagararratti argaman yakka biyya ganuun barbaaddaman 7 irratti ajajni qabamuu akka ba’u taasiifameera.

  1. Meejar jeneraal Zawduu Kiroos Gabrakidaan
  2. Koloneel Tawaldee Gabratinsaay
  3. Koloneel Gabra’izi’aabheer Alamsagad
  4. Koloneen Yemaanee Gabramikaa’eel
  5. Kumalaa Tawaldee Gabramadihin
  6. Koloneel Gatinnat Gadayyaa
  7. Komishinara Rattaa Tasfaayee yoo ta’an, haaluma walfakkaatuun itti gaafatamummaa waraanaa dura qabanii fi garee finxaaleyyii ABUT waliin hariiroo cimaa qabanitti fayyadamuun yakka saamicha qabeenya mootummaarratti raawwachuun kan barbaadaman namoota dhuunfaa 20 irratti ajajni qabamuu ba’eera.
  8. Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Waradaa- Soorramaa qajeelcha olaanaa leenjii
  9. Meejera Jeneraal Gabraga’aadihaanaa Gabradiillaa- Soorramaa qajeelcha olaanaa odeeffannoo
  10. Meejera Jeneraal Taklabirihaan Walda Aragaay(Saantiim) –soorramaa daayreektara INSA
  11. Meejera Jeneraal Birihaane Nagaash (Waddiimadin)- Soorramaa deettaa ministiraa
  12. Meejera Jeneraal Ma’iishoo Bayyanaa – soorramaa ajaja Izzii Bahaa
  13. Meejera Jeneraal Ibraahiim Abduuljaliil- Soorramaa qajeelcha Loojastikii olaanaa
  14. Meejera Jeneraal Yohaannis Waldagiiyoorgis -soorramaa ajaja giddulaa kan turan
  15. Meejera Jeneraal Nagaasii Tikki’uu – dirqama nageenya kabachiisuu kan gane
  16. Birgaadeer Jeneraal Aabbaadiiflaansii- soorramaa itti gaafatamaa odeeffannoo Izzii
  17. Birgaadeer Jeneraal Tsaggaayee Tasammaa(paatiriis)- soorramaa qajeelcha Inispeekshinii kan ture
  18. Birgaadeer Jeneraal Migiba Hayilaa – soorramaa qajeelcha olaanaa leenjii
  19. Birgaadeer Jeneraal Taklaay Ashabbir(Waddii’ashabbir) – soorramaa ajaja Izzii xiqqaa kan turan
  20. Birgaadeer Jeneraal Hayilasillaasee Girmaay (Waddii’ibayta)- Soorramaa qajeelcha duulaa olaanaa
  21. Birgaadeer Jeneraal Mulgeetaa Barihee – Soorrammaa kutaa ajaje waraanaa Agaazii kan turan
  22. Koloneel Tawaldee Gabratansaay – Soorramaa odeeffannoo raayyaa kan turan
  23. Koloneel Gabra’izi’abheer Alemasaggad –Soorramaa odeeffannoo raayyaa kan turan
  24. Koloneel Dajan Girmaay – Soorramaa itti gaafatamaa bobbii Izzii kan turan
  25. Koloneel Yemaane Gabramikaa’eel – Soorramaa ajajaa kutaa waraanaa Agaazii
  26. Koloneel Gabrahanis (Waddii Abaata) – Soorraamaa Ajajaa kutaa waraanaa Izzii Dhiyaa 43ffaa
  27. Kumalaa Tawaldee Gabramadihiin (Waddii Adwaa) – Dirree Dawaa kan jiru durse kan ba’e qaabenya ummataa saamame deebisuuf akka dandeessisu qabeenyi kunneen eessatti akka argaman Komishinii Poolisii Federaalaatti Biiroo yakka ittisuu lakkoofsa bilbilaa 0111551200 yookaa bilbila bilisaa 861 irratti bilbiluun akka eeruu laattaan ibsichaan eerrameera.

Akkasumas qaamolee dhuunfaa biyya keessaa fi alaa yakkaa biyya ganuu fi miidiyaa fayyadamuun olola biyya diiguu raawwachuurratti bobba’am 8 irrattis  ajajni qabamuu  irratti ba’eera.

  1. Dooktar Izqi’eel Gabbisaa
  2. Dooktar Awwaloo Qaasiim
  3. Dooktar Ittaanaa Habtee
  4. Dooktar Tsaggaayee Araarsaa
  5. Obbo Daani’eel Birihaanee
  6. Obbo Fitsum Birihinee
  7. Obbo Aluulaa Salamoon
  8. Sannaayit Mabraahaatuufaan yakka biyya diiguun seeraan kan barbaaddaman ta’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa ibsa isaan eereera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.