Fana: At a Speed of Life!

Gareen ABUT karoorri haleellaa akka Maayikaadraa magaalaa Humaraatti raawwachuuf yaadee ture saaxilame

Finfinnee, Adooleessa 15, 2013 (FBC) – Gareen ABUT karoorri haleellaa akka Maayikaadraa magaalaa Humaraatti raawwachuuf yaadee ture saaxilamuu ibsame.
Gareen shororkeessaa ABUT karoorri haleellaa akka Maayikaadraa magaalaa Humaraatti raawwachuuf yaadee ture saaxilamuu Fuulli Odeeffannoo haala wayitawaa Mootummaa adda baasu beeksiseera.
Gareen shororkeessaa kun akkaata karoora isaatti namoota naannoo TigraayiI fi Sudaan irraa galchuun haleellichaa akka raawwachuuf ture beekKameera.
Fuulli Odeeffannoo haala wayitawaa Mootummaa adda baasu akka beeksiseetti, gareen kun haleellaa kana raawwachuuf akka itti toluuf naannoo AfaariI fi Raayyaatin haleellaa irraa deddeebii raawwachuun xiyyeeffannaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humna addaa Naannoo Amaaraa Jijjiruuf yaaleera.
Juuntaan ABUT tibbana humni addaa naannoo Amaaraa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa Humaraatti haleellaa akka raawwatu, fuula miidiyaalee hawaasan raabsuu akka jalqabu, karoorri isaa ni muul’isa jedheera Fuulli Odeeffannoo haala wayitawaa Mootummaa adda baasu akeekkachisa tokkoffaa jedhe ibsa baasen.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.