Fana: At a Speed of Life!

Gareen ayyaana Cuuphaa Goondarirratti badii raawwachuuf ture to’atame

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Ayyaana Cuuphaa Goondaritti kabajamurratti dhohiinsa dhukaasan deeggarame raawwachuuf gareen qophiirra ture 2 to’atame.
 
Gareen badii lamaan kanneen boombii F1 afur, rasaasa 200 waliin qabamaniiru.
 
Gareewwan kanneen meeshaa badii ittiin raawwachuuf ture waliin kan qabaman hordoffii Tajaajilli Odeeffannoo Nageenya Biyyoolessaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI, humna nageenyaa naannoo Amaaraa fi hawaasa waliin qindoominaan hojii hojjetameeni.
 
Tajaajilichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif ergeen akka beeksisetti, dhiyeenyatti qaama garichaaf bobbii laate ni ifoomsa.
 
Gareen badii ergama fudhate badicha osoo raawwatee maallaqni guddaa fi magaalaa Finfinnee keessaa manni kan laatamuuf ta’uu waadaan galameefit ture.
 
Humni nageenyaa biyyattii nagaa fi tasgabbii ummataa eegsisuuf cimee hojjechaa jiraachuus tajaajilichi ibseera.
 
Hawaasni waan isa shakkisiisu yoo argu qaamolee nageenyaaf eeruu barbaachisaa akka laatu gaafatameera.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.