Fana: At a Speed of Life!

Gareen biyyaalessa Ityoophiyaa gitasaa Ruwaandaa waliin har’a tapha ga’umsa madaallii ni taphata

Finfinnee, Bitootessa 10, 2015 (FBC) –Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa gitasaa Ruwaandaa waliin har’a tapha ga’umsa madaallii kan taphatu ta’uu ibsameera.

Tapha gulaallii Waancaa Afrikaa Giinii waliin qabuuf of qopheessaa kan jiru gareen kubbaa miilaa biyyaalessa Ityoophiya har’a sa’aatii 9:00 irraa jalqabee gitasaa Ruwaandaa waliin Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti ni taphata jedhame.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ruwaandaa taphichaaf kaleessa galgala Finfinnee galeera.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa gulaallii Waancaa Afrikaa 34ffaa Kootidivaayeritti gaggeeffamuuf taphata jalqabaa Giinii waliin Bitootessa 15 fi 18,2015 Moorookoo Raabaatiitti kan taphatu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.