Fana: At a Speed of Life!

Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha Chaan boru qabuuf qophii ta’eera – Leenjisaa Wubatuu Abaatee

Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha Chaan boru Moozaambik waliin taphatuuf qophii ta’uu Leenjisaan garichaa Wubatuu Abaateen ibsaniiru.

Tapha Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Biyyoota Afrikaa har’a eegalamu ilaalchisee Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Wubatuu Abaatee fi dursan taphattootaa Massuud Mahaammad miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Garichi shaakala biyya keessatti taasiisa ture erga xumuree booda gara Moorokootti imaluun tapha madaallii taasiisuu leenjiisaa Wubatuu Abaateen ibsa isaaniin himaniiru.

Dheengadda gara Aljeeriyaatti imaluu fi tapha boru qabuuf qophii ta’uu isaa eeraniiru.

Taphattoonni morkii cimaa taasiisuuf qophii ta’uu isaanii eeruun, yeroo gaarii akka dabarsinu abdiin qaba jedhan leenisaa Wubatuu Abaateen.

Turtii biyya keessaa fi Moorokootti qophii ga’aa taasiisuu isaanii dursaan garichaa Massuud Mahaammad himeera.

Taphattoonni hundi ga’umsaa gaariirratti kan argaman ta’uu fi tapha boruuf qophii ta’uu isaanii ibseera.

Ramaddii biyya dorgommicha qopheessitu keessa jiraachuun cimaa ta’us, taphichaaf xiyyeeffannoo fi of eeggannoo olaanaa laachuun ni taphanna jechuun ibseera.

Keessattuu tapha jalqabaa xiyyeeffannoo addaan ni taphanna jedheera.

Leenjisaan garee biyyaalessa Moozaambik Chiikiiniyoo Koondees gama isaaniin, tapha Ityoophiyaa waliin qabaniif xiyyeeffannoo laachuun qophii ga’aa taasiisuu himuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.