Fana: At a Speed of Life!

Gareen biyyaalessa Ityoophiyaa umrii waggaa 20 gadii gita isaa Sudaan 3 fi 2n injifate

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa biyyaalessa Ityoophiyaa umrii waggaa 20 gadii gita isaa Sudaan waliin tapha gaggeesseen 3 fi 2n injifateera.
Gareen kun tapha 2ffaa isaa har’a sa’aatii 11:00 irraa eegalee gita isaan Sudaan waliin taphachuu ragaan Federeeshiinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Taphichi har’a sa’aatii 11:00 irraa eegalee Istaadiyeemii shiikaa Amrii Abiiditti gaggeeffameen gareen Ityoophiyaa qabxii 3 argachuu danda’eerea.
Dorgommii waancaa Bahaa fi Giddugalessa Afrikaa (CECAFA) Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa jiruun tapha jalqabaa kan taasiise gareen biyyaalessa Ityoophiyaa umrii waggaa 20 gadii gita isaa Keeniyaan 3 fi 0n injifatamuun isaa kan yaadatamuudha.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.