Fana: At a Speed of Life!

Qidduus Giyoorgiis leenjisaa olaanaa fi gargaaraa hojiirraa dhoorke

Finfinnee, Bitootessa 2,2012 (FBC) – Boordiin Waldaa Ispoortii Qidduus Giyoorgiis leenjisaa olaanaa, gargaaraa fi leenjisaa karra(goolii) eegaa yeroof hojiirraa dhoorkuu beeksise.

Hoggantoonni boordii waldaa ispoortichaa walga’ii gaggeessaniin haala ga’umsa yeroo leenjiftoota kanneenii erga gamaaggamaniin booda murtee kana dabarsuun isaanii himameera.

Leenjiftoonni sadan garee olaanaa akka hin leenjifne dhoorkamaniiru.

Akkasumas koreen teeknikaas akka gaggeeffamu hoggattoonni boordichaa murteessaniiru.

Gama biraatin hogganaan garichaa duraanii obbo Taaffasaa Baqqalaan miseensa hoggansa boordichaatti akka deebi’an murteessuu isaa ragaan fuula Feesbuukii garichaarraa argame ni muul’isa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.