Fana: At a Speed of Life!

Gareen ittisaa fi to’annoo vaayrasii koroonaa teeknooloojidhaan dabaalamu hundaa’e

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) –Gareen ittisaa fi to’annoo vaayrasii koroonaa teeknooloojidhaan dabaalamu hundaa’e.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf garee teeknooloojiin dabaalamuun hojjetu hundeessera.

Garichi, garee teeknooloojii Waajjira Muummee Ministiraa, Iityoo Teelekoom, bakka buutota dhuunfaa, Eejansii Nageenya Infoormeeshinii, Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii kan hammatedha.

Waamichaa fi ergaa sarara 8335 cimsuuf wiirtulee waamichaa 36 olitti guddisuuf, waamicha dhimma HIV/AIDS irratti barnoota laachaa ture 952 barnoota ittisaatif vaayrasii koroonaaf fayyadamuuf hojjetamaa jira.

Hawaasni vaayrasicha ittisuuf 444 irratti bilbiluun afaanota addaddaan ergaa akka argatu taasifamaa jira.

Dabalataan naannoleenis afaanota addaddaatin ergaa dabarsaa jiru.

Sararoonni ergaa fi odeeffannoo naannoo Oromiyaaf 6955, Kibbaaf 6599, Tigraayif 6244, Dirree Dawaaf 6407, Amaaraaf 6982 qophaa’era.

Walitti qabaan garichaa fi ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay filannoowwan dabalataarratti hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.