Fana: At a Speed of Life!

Gareen Shororkeessaa ABUT deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay akka hin seenneef gufuu uumaa jira jedhame

Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Gareen Shororkeessaa ABUT deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay akka hin seenneef gufuu uumaa jira jedhameera.

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa idil-addunyaa deeggarsi namoomaa gara naannoo Tigraayitti akka hin geejjibsifamne gareen shororokeessaa ABUT gufuu uumaa akka jiru Kaawunsilii Atilaantikittii Daayrektarri olaantuu Dhimmoota Afrikaa Bironwiin Biruutan himaniiru.

Dhaabbileen deeggarsaa naannoo Tigraay iddoowwan hanqinni nyaataa itti muudatetti karaa Affaar deeggarsi geejjibsifamun Maqalee akka hin seenee taasifama kan ture yoo ta’uu, ammaa garuu deeggarsichi namootaf raabsama jiraachuu Daayrektarittin dubbataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT waggootan 30 darbaniif aangoo humnaan qabatee ture deebisee qabachuuf yaalaa kan jiru ta’uu Bironwiin Biruutaan turtii BBC waliin taasisaniin himaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.