Fana: At a Speed of Life!

Gareen Shororkeessaa ABUT haleellaa raawwachuun ummata naannoo Tigraayiif deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabne gufachiisuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 13, 2013 (FBC) –Gareen Shororkeessaa ABUT haleellaa raawwachuun konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’anii turan gara naannoo Tigraay akka hin seenne taasiisuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksiise.

Garichi daandii cufuun konkolaattoonni akka hin sochoone taasiisuu komishinichi beeksiiseera.

Guyyoota sadan darban keessa konkolaattoonni gurguddoon deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee nyaataan alaa fe’anii gara Naannoo Tigraay imala turan 189 akka hin sochoone taasiifamuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaa ibsaniiru.

Sababa kanaan konkolaattoonni kunneen dhaabbachuuf dirqamuu himaniiru.

Maddi:-DhPI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.