Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT karaa Afaariin haleellaa raawwachaa ture barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 15, 2013 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT karaa naannoo Afaariin haleellaa raawwachaa ture barbadaa’uu Raayyaan Ittisaa beeksiise.
Garichi naannoo Afaar naannoo Alalee Suuluulaa jedhamutti humna ‘Meeyday’ jechuun moggaasee haleellaa akka raawwatan bobbaase barbadaa’uu Raayyaan Ittisaa ibseera.
Garichi guutumaan guutuutti barbadaa’uu Daayreektarri Quunnamtii Ummataa Raayyaa Ittisaa Kolooneel Geetinnat Adaanee ibsaniiru.
Dabalataan naannoo Qoobbootti haleellaan garichi bane tarkaanfii raayyaan ittisaa fudhateen barbadaa’uu himaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT shira raawwaachuu itti fufa taanaan mootummaan ajaja dabarsinaan Raayyaan Ittisaa tarkaanfii araarama hin qabne fudhachuuf qophii ta’uu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.