Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT magaalaa Dabra Seenaatti dhaabbilee yaala Fayyaa guutumaa guutuutti barbadeesse

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT magaalaa Dabra Seenaatti Buufataalee yaala Fayyaa fi Hospitaala sadarkaa jalqabaa guutumaa guutuutti barbadeessuu ibsameera.

Garichi meeshaalee tajaajila yaala Fayyaa fi qorichoota saamuu fi kanneen hafan ammoo tajaajilaaf akka hin oolletti barbadeessuu himameera.

Hospitaalli sadarkaa jalqabaa Dabra Seenaa namoota kuma dhibba 1 oliif tajaajila laachaa kan turee fi meeshaalee yaala fayyaa hunda kan guuttate ta’uu itti gaafatamaan waajjira Eeggumsa Fayyaa aanaa Xaarmaabarri obbo Wandim Tasammaan himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT buufataalee Fayyaa 4 fi Hospitaalichaa guutumaan guutuutti barbadeessuu eeraniiru.

Haala amma jiruun dhaabbileen kunneen sadarkaa tajaajila laachuu hin dandeenyerra jiraachuu kaasaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.