Fana: At a Speed of Life!

Gareen Shororkeessaa ABUT yeroo ammaa sadarkaa sodaa nageenyaa ta’uu danda’urratti hin argamu – Dooktar Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Raayyaan Ittisaa Tigraay akka ba’u kan taasiifame gareen ABUT yeroo ammaa sodaa nageenyaa waan hin taaneefi jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Raayyaan Ittisaa naannoo Tigraay akka ba’u kan taasiifame Gareen Shororkeessaa ABUT yeroo ammaa rakkoo sodaa ta’uu akka hin dandeenyee fi qonnaan bultoonni naannichaa karaa tasgabbii qabuun gara hojii qonnaatti akka bobbo’u carraa uumuufI jedhan Dooktar Abiy.
Dooktar Abiy sirna galateeffannaa filannoo marsaa 6ffaa gaazexeessitoof qophaa’erratti haasawa taasiisan gareen Shororkeessaa ABUT yeroo ammaa sadarkaa sodaa nageenyaa ta’uu danda’urratti hin argamu jedhan.
Raayyaan Ittisaa naannoo Tigraay ba’uun ummanni sosochii waraanarraa bilisa ta’ee hojii qonna gannaa akka raawwatu taasiisuu dabalataan ummatichaaf yeroo qalbeeffannaa ta’a jedhan.
Dhimma Tigraay caalaa yeroo ammaa Ityoophiyaa dhimma caalmaatti dursa laattuuf qabaachuu ibsaniiru.
Baatiwwan darbaniif mootummaan waraanaa fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa garaagaraaf, akkasumas deeggarsa hawaasaaf Birrii biiliyoona dhibba 1 ol naannichatti baasii ta’uu himaniiru.
Yaa ta’uutii dhaabbileen idil addunyaa dhimma kana kaase hin jiru, rakkoolee qofa barbaaduun olola tamsaasaa turan jedhan.
Naannoo Amaaraa waliin walqabsiisanii dubbii taasiisaniin sodaan waggaa lama dura ture ammaas jiraachuu kaasaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.