Fana: At a Speed of Life!

Gareewwan Shanee fi ABUT waliin dhabamsiisuuf akka hojjetana preezdaantoonni naannolee Oromiyaa fi Amaaraa beeksisan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)- Hoggantoonni olaanoon naannoo Oromiyaa fi Amaaraa magaalaa Baahir Daariitti marii gaggeessaniiru.

Marichaan boodas ibsa laataniin haalota waqtaawaa nageenya biyyarratti mari’achuu ibsaniiru.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaa, dhimma nageenyaa kan hiikamuu fi tokkummaan Ityoophiyaa kan dhaabbatuu waloon gaafa hojjennudha jenne walii galleera jedhaniiru.

Gareewwan shororkeessitoota shanee fi ABUT barbadeessufiis waloon kan hojjetaan ta’uu ibsaniiru.

Diinota farree uummata ta’aan barbadeesuun lammiilee deebisnee dhaabuuf waliigaleerra jedhaniiru.

Gareewwan Shanee fi ABUT waliin dhabamsiisuuf akka hojjetan preezdaantoonni naannolee Oromiyaa fi Amaaraa beeksisan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)- Hoggantoonni olaanoon naannoo Oromiyaa fi Amaaraa magaalaa Baahir Daariitti marii gaggeessaniiru.

Marichaan boodas ibsa laataniin haalota waqtaawaa nageenya biyyaarratti mari’achuu ibsaniiru.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaa, dhimma nageenyaa kan hiikamuu fi tokkummaan Ityoophiyaa kan dhaabbatuu waloon gaafa hojjennudha jennee walii galleera jedhaniiru.

Gareewwan shororkeessitoota shanee fi ABUT barbadeessuufiis waloon kan hojjetaan ta’uu ibsaniiru.

Diinota farra uummata ta’aan barbadeessuun lammiilee miidhaan irra ga’e deebisnee dhaabuuf waliigaleerra jedhaniiru.

Sochii farreen nageenyaas ittisuuf waliigalleera jedhaniiru.kana dura waliigaltee turee haareessuu Dooktar Yliqaal himaniiru.

Uummattoonni naannolee lameeniis tasgabba’uun tokkummaan dhaabbachuu akka qabuu himaniiru.

Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, qormaanni guddaan Ityoophiyaa finxaaleeyyidha jechuun dubbataniiru.

Uummattoonni naannolee Oromiyaa fi Amaaraa Ityoophiyaa kabachiisuuf itti gaafatamuummaa olaanaa qabu jedhaniiru.

Tokkummaa Ityoophiyaas bu’uura jabaarra dhaabuu akka qabnu waliigalleera jedhan.

Iddoowwan ollaatti dhimmoota misoomaa fi nageenyaarratti waliin hojjechuuf waliigaluu obbo Shimallis himuusaanii

AMK gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.