Fana: At a Speed of Life!

Gatii simiintoo bifa hin malleen dabaluun indaastirii ijaarsaa kan miidhu ta’uu Ministeerri Daldalaa beeksise

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Gatii simiintoo bifa hin malleen dabaluun indaastirii ijaarsaa kan miidhu ta’uu Ministeerri Daldalaa beeksise.
 
Ministeerichi qaamolee damicharratti bobba’an waliin mari’achaa jira.
 
Ministirri ministeerichaa obbo Malaakuu Aallabal simiintoon akkuma oomishaalee kaaniitti kan ilaallamu ta’uu ibsuun, daballiin gatii hin malle barbaachisaa akka hin taane ibsaniiru.
 
Yeroo ammaatti daballii hin malleen simiintoo kuntaalli tokko amma Birrii 650tti gurguramaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Rakkoon dhiyeessii amma hin jirretti faddaaltota seeran alaatin dhiibamuudhan daballii gatii hin malle taasisuun hin barbaachisus jedhan.
 
Rakkoon geejibaa fi warshaaleen simiintoo elektiriika amma %50 hir’isanii fayyadamuun daballichaaf sababiidha jedhameera.
 
Sisaay Geetinnatitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.