Fana: At a Speed of Life!

Gatiin boba’aa baatii Onkoloolessaa akka jirutti itti fufa

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Gatiin gurgurtaa boba’aa baatii Onkoloolessaa gatii duraatiin kan gurguramu ta’uu ibsameera.
Gatii boba’aa xiyyaaraa irraan kan hafe gatiin gurgurtaa boba’aa baatii onkoloolessaa akkuma jirutti kan itti fufu ta’uu Ministirri Daldalaa fi Hariiroo Naannolee ibseera.
Gatiin boba’aa xiyyaaraa baatii Fulbaanaatti Liitiriin tokko Birrii 45 fi saantima 76 gurguramaa kan jiru yoo ta’u baatii Onkoloolessaatti gatiin liitirii tokkoo Birrii 47 fi saantima 43tti akka ol guddatu murtaa’uu ibsameera.
Gama biraatiin akka barbaachisummaa isaatti haala gabaa idil addunyaa ilaalamee fooyya’iinsi kan taasifamu ta’uu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.