Fana: At a Speed of Life!

Gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa baatii itti aanu haaluma baatii darbeen kan itti fufu ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) – Gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa kan Xiyyaaraan ala Caamsaa 28 hanga Waxabajjii 28, 2013tti haaluma baatii darbeen kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
Gatiin gurgurtaa boba’aa addunyaarraatti yeroo yeroon dabalaa jiraatuus mootummaan haala qabatamaa biyyaa hubannoo keessa galchuun baatii itti aanu haaluma baatii darbeen akka itti fufu murteessuu ibsameera.
Gatiin boba’a xiyyaaraa baatii darbe Liitirri 1 Birrii 43.81tti gurguramaa ture har’aa eegalee hanga Waxabajjii 28, 2013 Liitirri Birrii 48.22 akka gurguramu murtaa’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii ibsa Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif ergeen himeera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.