Fana: At a Speed of Life!

Geejjibni baabura Ityoo-Jibuutii meeshaalee toonii miiliyoona 3 ol imalchiisuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC)- Geejjibni baabura Ityoo-Jibuutii meeshaalee toonii miiliyoona 3.4 imalchiisuu ibsameera.

Aksiyooniin Waldaa Tajaajila Geejjiba Baaburaa Ityoo-Jibuutii waggoota sadan darbanitti meeshalee galii fi baasii toonii miiliyoona 3.4 imalchiisuu beeksise.

Daayrektarri Olaanaa Waldichaa Injinaar Xilahun Sarkaa akka jedhanitti, meeshaaleen galii fi baasii waggaa jalqabaarratti toonii kuma 800, waggaa 2ffaatti toonii miiliyoona 1.2. waggaa 3ffarratti toonii miliyoona 1.45, walumaagalatti waggaa 3 keessatti tooniin miiliyoona 3.45 geejjibsiifamuusaa himaniiru.

Haaluma kanaan geejjibsifamuun meeshaalee guddina agarsiisusaa himuun, kenniinsi tajaajilasaas waggaatti % 25 hanga 30 guddina agarsiisaa jiraachuusaa dubbataniiru.

Milkaa’ina kanaafis hojiilee meeshaalee misoomaa, shaqatoonni daldalaa, shaqatoota dhabbileen gurguddoo deddebisuutiin galiin kun argamuu danda’uusaa ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.