Fana: At a Speed of Life!

Gibts naannoo waraanaa akka ijaarratu hin eeyyamne – Sudaan Kibbaa

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Mootummaan Sudaan Kibbaa Gibts naaannoo waraanaa Sudaan Kibbaatti akka ijarrattu eeyyame oduun jedhu odeeffannoo dhugaa miti jedhe.
 
Dhimmi Alaa biyyattii fi manni hojii hariiroo idila addunyaa ibsa laateen, Juubuun Gibts naannoo Paagaakiitti naannoo waraanaa akka ijjaarratu eeyyamte jechuun odeeffaannoon marsariitiiwwan irra oliif gadi tamsa’u dhugaarraa kan fagaate ta’uu beeksifteerti.
 
Akka ibsichaatti lafti Gibtsiif kenname tokkooyyuu hin jiru jedhame.
 
Odeeffaannoon oliif gadi adeemaa jirus bu’ura kan hin qabneedha jedhameera.
 
Ityoophiyaas ta’ee Gibts michuu Sudaan Kibbaati kan jedhe ibsichi, biyyattiitti nageenya buusuuf biyyoonni lamaan waliin hojii olaanaa kan hojjetan ta’uu eereera.
 
Keessattuu Ityoophiyaan humna nagaa kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun bulchiinsa Abiyyeetti ga’ee olaanaa gumaachuu himameera.
 
Oduun tatamsa’aa jiru Prooppogaandaa humnoota farra nageenyarra madde ta’u kan eere ibsichi, Juubuun biyyoota ollaa waliin hariiroo qabdu cimsitee itti fufti jedheera.
 
Sudaan Kibbaa biyya nagaa jaalattuu fi fayyadamummaa haqa qabeessa ta’etti amantuudha, naannichaa fi guutuu addunyaa waliin walitti dhufeenyaan kan hojjettu ta’uu ibsichi hubachiiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.