Fana: At a Speed of Life!

Giddu Seentummaan dhimma keessoo biyyoota Afrikaarratti taasifamu fudhatama hin qabu- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Giddu Seentummaan dhimma keessoo biyyoota Afrikaarratti taasifamu fudhatama kan hin qabne ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.

Jilli hoggansa olaanoo mootummaa Obbo Dammaqaa Makonniniin durfamu yaa’ii nageenyaa Afrikaa 8ffaa Aljeeriyaa magaalaa Ooraanitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaateera.

Haasaa yaa’icharratti taasisaniin, Maqaa mirga namoomaa fi deeggarsa namoomaan giddu seentummaa dhimma keessoo biyyootaarratti taasifamu fudhatama kan hin qabnee fi balaaleffatamuu akka qabu  Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Dhiibbaa biyyoonni guddatan tokko tokko Afrikaarratti taasisan dhaabbachuu akka qabu kaasaniiru.

Qajeeltoo rakkoon Afrikaa Afrikaanotaan furamuu qaba jedhu dhiibuun fudhatamummaa kan hin qabne ta’uu yaa’icharratti kaa’eera.

Shororkeessumaa deeggaruun, haala heera mootummaa hin eegneen yaalii mootummaa jijjiiruuf taasifamu Afrikaannonni qindoominaan qolachuu akka qaban yaa’ichi yaadachiisuu ragaan Waajjira dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.