Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Aadaa Oromoo Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun Artistoota ogummaa garagaraan leenjisaa ture eebbise

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Giddugalli Aadaa Oromoo fi Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun marsaa 5ffaaf Artistoota ogummaa garagaraan leenjisaa turan Giddugala Aadaa Oromootti eebbisiisan.

Aartiin nageenya waaraaf,tokkummaaf,misooma biyyaatiif ,badhaadhina afi ijaarsa biyyaatiif jedhuun eebbiseera.

Daarikterri Olaanaan Giddugalla Aadaa Oromoo Obbo Geetuu Birranaa Aartiin kan Uummanni Oromoon gaddaa fi gammachuusaa, dhimmootaa bulchiinsa, diinagdee, hawaasummaa kan ittiin ibsatu daawwitii uummataati jedhan.

Aartii keenya guddisuuf leenjii garagaraa kennuun itti fufa jedhaniru.

Eebbifamtoonni Ogummaasaaniinis jiruufi jireenya hawaaasaa ibsuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Giddugalli Aadaa Oromoo ogummaa fiilmii fi Tiyaatiraan, Shubbisaan Amaataroota 200 ol guyyoota 45f leenjisaa ture marsaa 5ffaa har’a eebbisiiseera.

Kaffaaloo Shifarraa fi Mulugeetaa Girmaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.