Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Aadaa,Qo’annoo fi Qorannoo Looreet Tsaggaayee Gabra Madiin barattoota Ogummaa Aartii garaagaraatiin barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Adooleessa 24, 2013 (FBC) – Giddugalli Aadaa,Qo’annoo fi Qorannoo Looreet Tsaggaayee Gabra Madiin Barattoota Ogummaa Aartii garaagaraan barsiisaa ture 152 mooraa Yuunvarsiitii Ambootti eebbisiise.
Giddu Galli Aadaa ,Qo’annoofi Qorannoo Looreet Tsaggaayee Gabra Madiin Onkoloolessa 10 bara 2012 bakka maatiin,Hiriyyoonnii fi Dinqisiifattoonni Looreet Tsaggaayee G/Madiin argamanitti Yuunvarsitii Ambootiin Hundeeffame.
Giddu galli kun aartii fi afaan akkasumas Hogbarruu Oromoo guddisuuf kaayyeffatee hojjechaa jira jedhame.
Kana dura marsaa lamaan Barattoota gosa aartii fakkii fi bobboca baratan eebbisiiseera.
Guyyaa har’aa barattoota marsaa 3ffaatiin gosa ogummaa aartii Tiyaatira, Shubbisa,Muuziqaa sagalee, meeshaashee Muuziqaa fi Hogbarruun barsiisaa ture 152 eebbiseera.
Giddu galichi Qo’annoo fi qorannoo ni adeemsisa ,aartii oromoo guddisuuf leenjii ni kenna jedhameera.
Kan leenji’an ammoo Gurmeessuun gara hojiitti akka galaniif Waajjira interpiraayizii fi Indaastirii waliin qindoominaan ni hojjeta.
Giddu Galli Aadaa,Qo’annoo fi Qorannoo Looreet Tsaggaayee Gabra Madiin kun waltahiinsa Tiyaatera biyyolessaa waliin ta’uun hojii Aartii Oromoo guddisuu hojjechaa jira jedhan Daayreektarri giddu galichaa obbo Saamu’eel Leekuun.
Giddu galichi Qo’annoo fi Qorannoo gaggeessuu,Tajaajila Hawaasummaa fi Baruuf barsiisuu irratti gadi fageenyaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Eebbifamtoonni guyyaa har’aa eebbifamanis Ogummaa giddu galichatti argatan bu’uura godhachuun Hojii Aartii,Aadaa akkasumas seenaa fi Afaan Oromoo guddisuu irratti xiyyeeffachuun akka hojjetan himaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.