Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli leenjii bakkaa bakkatti socho’u “Diijii Tiraak”  tajaajila kennuu eegale

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015(FBC)- Giddugalli leenjii ammayyaa bakkaa bakkatti socho’u “Diijii Tiraack” tajaajila kennuu eegale.

Giddugalichi guddattootaafi dargaggootaaf leenjii bu’uuraa koodiingii, Piroograamiingiifi Roobootiksii kan kennu ta’uu ibsameera.

Giddugalichi tumsa Ministeera Barnootaa, dhaabbata “Anyone Can Code”fi Huwaaween hojjetamuu eerameera.

Giddugalichi anniisaa aduun kan hojjetu ta’uus ibsameera.

Saganticharratti Ministira Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa dabalatee hoggantoonni olaanoon biroofi Kaaba Afrikaatti Daayrektarri Huwaawee Liyoo Liyoon argamaniiru.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.