Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli sakkata’iinsa paampii bishaanii xixiqqaa fi motarootaa baname

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Dhaabbata Madaaallii Ga’umsa Ityoophiyaatti Gidduugalli Sakkata’iinsa Paampiiwwan Bishaan harkisan xixiqqaa fi motarootaa baname.

Ministir deettaan Ministeera Qonnaa, qabeenya uummamaa fi wabii nyaataa Dooktar Kabaa Urgeessan gaaffilee bu’uraalee misoomaa fi rakkoolee ijoo ta’an deebiisuuf muuxxannoo gaggaarii idila addunyaa akka ka’umsaatti fayyadamuun hudhaalee ce’umsa qonnaa adda baasuun tarkaanfiin sirreeffamaa fudhamaa jira jedhan.

Hanqinaalee ijoo dhiyyeessa teeknooloojii furuun hojiin misooma jallisii qulqullina fooyya’aan akka hojjetamuuf damichaan hojiileen hedduun hojjetamuu ibsaniiru.

Giddugalli kun baasii suphaa Motaroota fi Paampiiwwan bishaan jallisii harkisuuf oolaniif ba’u hambisuun paampiiwwan misooma jallisii qulqullina isaanii eeggatan itti fufiinsaan dhiyeessuf dhaabata qophaa’e ta’uus Dooktar Kabaan eeraniiru.

Dabalataan qulqullinaa teeknooloojii dabaluuf sochii eegalameef bu’ura kan kaa’u ta’uu ragaan Ministeera Qonnaa FDRI irraa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.