Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Tajaajila Geejjibaa  ‘Ii-Koomersii’ Daandii Qilleensa Ityoophiyaa yeroo dhiyootti hojii ni eegala jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015(FBC)- Giddugalli Tajaajila Geejjibaa  I-Koomersii Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Doolaara miiliyoona 50 ijaaramaa jiru yeroo dhiyootti hojii kan eegalu ta’uu daandiin qilleensichaa beeksise.

Addunyaarratti tajaajilli Ii-Komersii dabalaa dhufuu hordofee daandiin qilleensichaa dorgomtummaasaa itti fufsiisuuf tajaajila kaargoo isaa gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf qaamolee dhimmatootaa waliin marii gaggeesseera.

Walitti Qabaan Boordii Garee Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Girmaa Waaqeen, daandiin qilleensichaa tajaajila kaargoon dorgomtummaa isaa itti fufsiisuuf hojiimaata ammayyaa kan hordofu ta’uu eeraniiru.

Giddugala tajaajila kaargoo haaraa dhugoomsuuf hojiimaanni haalaan diriiruun hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Hojiimaatichi tajaajila kaargoo kanaan dura turerraa adda ta’uu eeruun, meeshaan alarraa fe’amee gara biyyaa wayita seenu guyyaa 7 fudhachaa kan ture hojiimaata haaraan rakkoon kun kan hiikamu ta’uu kaasaniiru.

Maaneejiing Daayrektarri Kaargoofi Loojistikii daandii qilleensichaa Abeel Alamuun gamasaaniin, Giddugalli Ii-Koomersii kun walakkeessa bara warra faranjootaa 2023 tajaajila kennuu kan eegalu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.