Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli tumsa Afrikaa – Chaayinaa Beejingitti baname

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Giddugalli tumsa eeggumsa naannoo Afrikaa – Chaayinaa Beejingitti banamuu ibsame.
Giddugalli tumsa fi hojirra oolmaa misooma magaariisaa Afrikaa – Chaayinaa Beejingitti banameera.
Giddugalichi karooraa hanga bara Faranjootaa 2030 fi 2063tti kunuunsaa naannoo, misooma magariisaa fi misooma itti fufiinsaan qabame milkeessuuf ni gargaara jedhame.
Ministirri ministeera eeggumsa naannoo Chaayinaa Huung Ruunkii hariiroon Afrikaa fi Chaayinaan damichaan qaban naannoo jireenya dhala namaaf mijataa ta’e uumuuf shoora olaanaa qaba jedhan.
Chaayinaan biyyoota Afrikaa 5 waliin bara Faranjootaa 2015 eegalee naannoo magaalaatti faallama naannoo fi bishaanii ittisuurratti waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uu eeraniiru.
Too’annoo bulchiinsa eeggumsa naannoo fi fallama bishaanirratti lammiileen Ityoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa 900 leenjii fudhachuu Huung Ruunkii ibsaniiru.
Maddi:-CGTN
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.