Fana: At a Speed of Life!

Giddugaloonni Traanisfoormeeshinii diijitaalaa lammii ogummaa diijitaalaa qabu horachuu dandeessisan hundeeffamuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Giddugaloonni Traanisfoormeeshinii diijitaalaa lammii ogummaa diijitaalaa qabu horachuu dandeessisan hundeeffamuuf ta’uu ibsameera.

Biyyoota Afrikaa giddugala traanisfoormeeshinii diijitaalaa ta’uun filataman 8 keessaa Ityoophiyaan tokko ta,’uu ibsameera.

Giddugaloonni kunneen leenjiiwwan sadarkaa idil addunyaatti kennamanii fi mirkaneessa ga’umsaa fudhachuuf kan gargaaran ta’uu akkasumas humna namaa ogummaa diijitaalaa qabuu fi dorgomaa ta’e uumuuf ga’ee olaanaa qabaachuu eerameera.

Giddugaloota kanneen Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Gamtaa Telekoomii Idil Addunyaa waliin ta’uu kan hundeessu ta’uu fi Yuunvarsiitiiwwan, Kaaffeewwan Saayinsii fi Giddugaloonni dargaggootaa keessatti hammatamanii kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Ogummaan diijitaalaa bu’uuraa, giddugaleessaa fi olaanaan guddina diinagdee fi hawaasummaa lammiileef ga’ee olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin addeessaniiru.

Gamtaa Telekoomii Idil Addunyaatti hoggantuun Waajjira Afrikaa Anii Raacheel Inaa gamasaaniin, matichi sosochii Giddugaloota Traanisfoormeeshinii Diijitaalaa Ityoophiyaa kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.

Biyyoota Afrikaa giddugala traanisfoormeeshinii diijitaalaa ta’uun filataman 8 keessaa Ityoophiyaan tokko yoo taatu, haala giddugaloota kanneen hundeessuun danda’amurratti Gamtaa Telekoomii Idil Addunyaa fi qaamolee dhimmamtoota waliin mar’atameera.

Maricharratti hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee, hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa fi bakka buutonni yuunvarsiitiiwwanii argamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.