Fana: At a Speed of Life!

Giifti Duree Zinnaash Taayachaw Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Roophii eegalchiisuuf, dhagaa bu’uraa kaa’an

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC ) – Giifti Duree Zinnaash Taayachaw Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo Magaalaa Roophiitti ijaarsa Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Roophii eegalchiisuuf, dhagaa bu’uraa kaa’an.
Jilli Giifti Duree Zinnaash Taayachawuu fi Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu,Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo Magaalaa Roophiitti ijaarsa Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Roophii eegalchiisuuf, dhagaa bu’uraa kaa’aniiru.
Baajenni Manneen Barnootaa waajjira Giifti Duree Naannoo Oromiyaatti ijaaramaa jiran kunneenis, birrii gurgurtaa kitaaba Idaa’amuu muummee Ministira Dooktar Abiy Ahmadiin barraa’e irraa Akka ta’e himameera.
Waajjirri Giiftii Duree bara kana Naannoo Oromiyaatti Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Afur Godinaalee Oromiyaa, Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo,Shawaa Lixaa Aanaa Amboo,Wallagga Lixaa Aanaa Yuubdoo fi Godina Jimmaa Aanaa Xiroo Afataatti Kan ijaarsisu ta’uun himameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.