Fana: At a Speed of Life!

Gimbiitti filannoo marsaa 6ffaaf qophiin xumuramu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC)- Godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbiitti filannoo marsaa 6ffaaf qophiin xumuramuu ibsameera.

Naannoo Buufataalee filannoo Gimbiitti Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaa boruu gaggeeffamuuf meeshaaleen filannoof barbaachisan qophaa’uun himameera.

Godina Wallagaa Lixaa Naannoo Buufataalee filannoo Gimbiitti Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaa boruu filatamuuf meeshaaleen filannoof barbaachisan hundi kan gahaan ta’uu, Qindeestoonni filannoo naannichaa himaniiru.

Qindeestoota Bufataalee Filannoo naannoo Gimbii Obbo Alamayyoo Iddoosaa, qindeessaa buufataalee filannoo Aanaa Hoomaa, Aanaa Gimbii fi Magaalaa Gimbii yoo ta’an buufatalee filannoo jiran hundatti meeshaleen filannoof barbachiisan qaqqabaniiru jedhan.

Bakkii filannoos qophaa’uusaa Obbo Alamayyoon himuu OBN gabaasera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.