Fana: At a Speed of Life!

Girik yeroo jalqabaaf preezdaantii dubartii filatte

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Girik yeroo jalqabaaf preezdaantii dubartii filatte.

Preezdaantii haaraan tun preezdaant Piirookooppiis Paavoolopolos bakka bu’uun baatii Bitootessaatti angoo ni fudhatu.

Preezdaantiin filatamte sagalee caalmaa paarlaamaa argataniiru.

Preezdaantittiin kana dura Giriikittii haadha seeraa Mana Murtii Heera Mootummaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Kanarra darbee dhimmoota jijjiirama qabeenya qilleensatiin walqabatu irratti haadha seeraa ta’uun tajaajiluun, barreeffamoota heedduu jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti qopheessummaan tajajilaa turaniiru.

Maddi:-Aljaziiraa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.