Fana: At a Speed of Life!

Gochaa gaariin wayita baatii Ramadaanaa muul’atu yeroo hunda cimee itti fufuu qaba – Preezdaantoota naannolee

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Preezdaantoonni naannolee ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaaf kabajamuu sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsaniiru.
Preezdaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Aganyahu Tashaagar, kan Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw fi kan naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddamoon hawaasa Musiliimaa fi ummata Ityoophiyaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ayyaanni Iid Al faxiriin ayyaana walgargaaruun, jaalalaa fi tokkummaan kabajamu ta’uu eeraniiru.
Gochaa gaariin wayita baatii Ramadaanaa muul’atu yeroo hunda cimee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Hawaasni musiliimaa ayyaana Iid Al Faxirii wayita kabajan weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Amantaa Islaamaa dabalatee duudhaalee gaarii amantaalee biroo keessa jiru fayyadamuun qaamni hundi nageenya biyyattiif waardiyyaa akka dhaabbatan gaafataniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.