Fana: At a Speed of Life!

Gochaan ABUT Uummata Tigraay balaarra kan buusuudha – Hayyoota

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Gochaan garee Shororkeessaa ABUT Uummata Tigraay balaarra kan buusuu ta’uu hayyoonni ibsaniiru.
Adeemsi garichaa dargaggoota Tigraay Ibidda keessa kan galchu ta’uu hayyoonni Seeraa fi Saayinsii Siyaasaa turtii Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.
ABUT yeroo ammaa naannoo Tigraay iddoolee garaagaraarra naanna’uun ummata waraanaaf kakaasaa jiraachuu ragaaleen kan agarsiisan ta’uu himaniiru.
Kakaasiin kun garichi irra deebiin waraana banuuf qophii taasiisaa jiraachuu isaa muul’isa jedhan hayyoonni kunneen.
Kakaasii kanaan dargaggoonni naannichaa gara dirree waraanaatti makamuun waraagama hin malle akka wareegaman taasiisa jedhan Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo idil addunyaa Suraafeel Geetahuun.
Garichi dogongora kaleessaarraa barachuu dhabuun har’as gochaa badii hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
ABUT Uummataafan dhaabbadhe jedhus gochaan isaa faallaa ummata Tigraay ta’uu hayyuun seeraa Lijaalem Gaashaw himaniiru.
Garichi gochaa ummata Tigraay balaarra buusanirratti xiyyeeffachuu ibsaniiru.
ABUT irra deebiin miidhaa akka hin qaqqabsiifne Ummanni Ityoophiyaa waloon ta’uun dhaabsiisuu akka qaban hayyoonni kunneen waamicha dhiyeessaniiru.
Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.