Fana: At a Speed of Life!

Gochi shorokeessumaa Al-Shabaab Magaalaa Finfinneetti raawwachuuf ture fashalaa’uu poolisiin beeksise

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Gochi shorokeessumaa Al-Shabaab Magaalaa Finfinneetti raawwachuuf ture fashalaa’uu poolisiin beeksiseera.

Duula waloo Poolisiin Federaalaa fi Poolisiin Magaalaa Finfinnee gaggeessaniin gochi garichaa fashalaa’uu ibsameera.

Dhimmicha ilaalchisuun ibsa waloo kennaniin, Shanee dabalatee ergamtoonni garee shororkeessaa ABUT magaalichatti gocha shororkeessummaa raawwachuuf socho’aa kan turan akkasumas gocha malaammaltummaa fi gochoota seeraan alaa irratti bobba’uun kanneen shakkaman namoonni 340 to’annoo jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Komishinii Poolisii Federaalaa fi Poolisii Magaalaa Finfinneetti Hoggantoonni Qorannoo Yakkaa eeraniiru.

Mahaammad Aliitu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.