Fana: At a Speed of Life!

Godaansaa deebitoonni kuma 1fi 136 ogummaa garaagaraan leenji’an eebbifaman

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC)- Koolleejiiwwan Barnoota Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa Finfinnee, ogummaa garaagaraan leenji’aa kan turan godaansaa deebitoonni kuma 1fi 136 eebbifamaniiru.

Eebbifamtoonni kunneen baajata mootummaan ramadee fi deeggarsa Dhaabbataa Gargaarsa Misoomaa Jarmaniin kan leenji’an ta’uun eerameera.

Dameewwan ogummaa Awutoo Makaanikii, Hoteelaa fi Tuuriizimii, Wayyaa Hodhuu fi kanneen biroon baatiiwwan ja’aaf kan leenji’an ta’uun ibsameera.

Eebbifamtoonnis waldaan gurmaa’uun carraan hojii akka uumamuuf ibsamuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.