Fana: At a Speed of Life!

Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti konfaraansiin Dubartootaa gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) – Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti konfaraansiin Dubartootaa gaggeeffame.
Konfaransii kana irrattis bakka bultootni dubartootaa Aanoolee fi magaalota godinichaa irratti hirmaataniiru.
Kaayyoon konfaraansii Kanas nageenya amansiisaa mirkaneessuuf dubartootni qaamolee qooda fudhatoota waliin qindoominaan hojjechuu akka qabanidha.
keessattuu caasaan nageenya ,Abbootii Gadaa,Abbootii Amantaa,Jaarsolii Biyyaa fi kanneen kanneen biroo waliin ta’uudhaan nageenyi akka eegamu gochuufi.
dubartootni haadha dargaggeessa fi dargaggeetti waam taateef ijoolleen isaanii meeshaa diinaa akka hin taane fi akkasumas hariiroo isaan humnoota badii irraa qabatanirraa akka fagaatan taassisuu fi Ayyaana Irreecha karaa murtoo Gumii Abbootii Gadaan dabarsaniin akka kabajamuuf ga’ee isaanii akka ba’aniifi dha.
Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee obbo Girmaa Haayiluu konfaraansii kana irratti argamuun akka dubbatanitti akka biyyaatti erga riifoormiin dhufee jijjiiramni gama diinaagdeen,Hawaasummaa fi siyaasaan dhufee jira.jijjiramni kun akka hinmilkoofneef fi milkaa’ina nuti arganne akka itti hin fufneef qaamoleen nageenya booressaan irratti qabsaa’uu qabna jedhaniiru .
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.