Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti hojiileen Sagantaa Seeftineetii Misoomawaan hojjetaman daawwataman

Finfinnee, Amajjii 19, 2015 (FBC)- Godina Arsii Aanaa Sireetti hojiileen sagantaa Seeftineetii Misoomawaatiin hojjetamaa jiran daawwataman.

Daawwannaa kanarratti Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaa, Ityoophiyaatti Ambaasaddara Ingiliz Darren Walchi, Ittaanaa Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Eliyaas Kadiiriin dabalatee qondaaltonni Ministeeraa Maallaqaa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Fiqiruu Raggaasaa, hawaasaa sababa mancaatii qabeenya umamaan hawaasa hongeef saaxilamee dandamachiisuuf deeggarsa mootummaa Ingiliziin sagantaa seeftineetiin deeggersi dhiyeessii nyaataa fi hawaasummaa hojiirra oolaa jira jedhan.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ingilizii Ambaasaaddar Darren Walchi gama isaaniin mootummaan isaanii sagantaa seeftineetiin deeggarsa taasisaa jirtuun, hojiilee hojjetamanitti gammaduu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa aanaalee 103 keessatti Sagantaa Seeftineetii Misoomawaatiin deeggersi kaffaltii kallattii fi hojiilee hawaasummaa gaggeeffamaniin bu’aan jajjabeessan argamaa jiraachuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eliyaas Kadiir ibsaniiru.

Akka biyyaatti biyyee gabbataa meetirik toonii biliyoona 1.9 waggaa waggaan lolaan dhiqamu hambisuuf hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii Sagantaa Seeftiineetii Misoomawaan hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.