Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti Qonnaa bara kanaan lafti hektaarri kumni 600 misoomaa jira

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Qonna Ganna baranatiin Godina Arsiitti lafa hektaara kuma dhibba 6 misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.
Lafa misoomuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma dhibbi 4 ol misoomuu Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Gannaa Mohaammad FBCtti himaniiru.
Karoora qabame keessaas lafti hektaarri kuma dhibbi 4 fi kumni 54 kilaasteraan kan misoomu tahuu fi hanga ammaatti hektaarri kumni 265 caalu tiraaktaraan qotamuu dubbataniiru.
Galtee barbaachisu yeroon akka dhiyaatuu fi qonnaan bultoota harka qalleeyyiif liqiin akka mijatu taasiifamuu himameera.
Qonna kontiraataa cimsuudhaaf warshaaleen Biiraa Sanyii qonnan bulaan barbaadu akka dhiyeessaniif dhaabbata ‘Bolt Malt’ fi ‘Soflet’ waliin waliigalteerra ga’amuu himameera.
Abdallaa Amaantu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.