Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi guyyaa boruu sa’atii murtaa’eef hojii nageenyaatin walqabsiisee daandiiwwan cufaa ta’an ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC)- Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee guyyaa boruu sa’atii murtaa’eef hojii nageenyaatin walqabsiisee daandiiwwan cufaa ta’an ifoomseera.

Komishinichi nageenyaa fi tasgabbii magalichaa eeguuf hojiilee garagaraa raawwachaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan guyyaa boruu ganama saaatii 3:00 irraa eegalee yeroo  muraasaaf daandiiwwan cufaa ta’anii kan ifoomse.

Bu’uruma kanaan:-

Daandii bufaata xiyyaaraa Boolee Idi Addunyaa Galmaa Barkumeerraa gara addabaabaayii Masqalaa geessuu

Daandii Magganaanyaarraan addababaayii Hayaahuletti gara addabaabaayi Masqaalaa geessuu

Daandii Arat Kiiloo waajjira Ministeera Dhimma Alaarran gara addabaabaay Masqalaa geessuu

Daandii Piyaassaa Charchar Goodaana gara Masqal addababaayi geessuu

Daandii Xoor Haayiloochi gara addabaabaayii Masqalaa geessuu

Daandii Jamoo Meeksikoo gara addababaabaayii Masqalaa geessuu

Daandii Saariis, Gootaaraa gara addabaabaayii Masqalaa geessuu

Daandii Boolee, Atilaas Bataskaanaa Qiddus Uraalee gara addababaabaay Eedinaamool geessuu

Daandii Awwaaree gara Kaasanchiis geessuu

Daandiiwwan kunneen guyyaa boruu Fulbaana 21, 2014 ganamaa saatii 3 irraa eegalee yeroo murtaa’eef konkolaattootaa cufaa ta’uusaa ibsuun, hawaasni kana hubatee tumsa akka taasisuu gaafachuu ragaan komishinii poolisii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.