Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaa Aanaa Dubuluqi Eel-waaqitti Ayyaanni dhibaayyuu kabajame

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC ) – Godina Booranaa Aanaa Dubuluqi iddoo madda Eel-waaqitti Ayyaanni Dhawaa dhibaayyuu bifa oo’aa ta’een kabajameera.
Ayyaanicha kana irratti maanguddoonni, qeerroon, qarree fi qaamoleen hoggantoota akkasumas, hawaasni bal’aan haala gaariin hirmaachuun waaqa nutti roobi cubbuu teenna nuu haraarami jechaa dhibaaffachaa oolan.
Akka waajjiri Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Dubuluqi beeksiseetti, maanguddoon gurguddoon argaa dhageetti aanaa kanatti argamuun sagantaa walitti qabamiinsa irratti eebba taasisaniiru.
Saganticha irratti walaloon, sirbooti, gorsii adda addaa akkasumas, agarsiisi aadaa qeerroo fi qarreen geggeeffameera.
Itti Aanaa bulchaa bulchiinsa Aanicha obbo Rashiidi Ibreem akka jedhanitti iddoolee hambaalee aadaa akka kunuunfamu, aadaan kun ciminnaan wagga waggaan akka kabajamu akkasumas, aadaa kana maanguddoo irra fuudhuun dhalootatti akka dabru irratti hojjachuu qabna jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.