Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti Pirojektoonni bishaan dhugaatii Faawundeeshinii Artist Hacaaluu Hundeessaan Birii miiliyoona 22 oliin ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015(FBC)- Godina Booranaatti Pirojektoonni bishaan dhugaatii Faawundeeshinii Artist Hacaaluu Hundeessaan Birrii miiliyoona 22fi Kuma 148 oliin ijaaraman xumuramuun eebbifamaniiru.

Piroojektoonni bishaanii kunneen Aanaalee Dubuluqiifi Me’ee Bokkuutti kan ijaaraman ta’uu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Rakkoo hongee hawaasa Booranaa irra deddeebiin rakkisu yeroo tokkoof deeggaarree deemuu osoo hintaane hundee irraa furuuf hojii ijaarsa bishaanii Birrii miiliyoona 22fi kuma 148 oliin ijaaramaa ture xumuramuun guyyaa har’aa tajaajilaaf banaa taasisneerra jedhan haati warraa Artist Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damiseen.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.