Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti roobni gannaa xiqqachuun gogiinsii namaa fi horii miidhaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2014(FBC) – Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Preezdantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastera Baadiyyaa obbo Abdurramaan Abdallaan durfamu Aanalee Gammojjii Godina Booranaa daawwateera.

Jilli kun Godina Booranaa Aanaa Dillootti horsiisee bultoota rakkoo bonaatiin miidhaman kan daawwate.

Horsiisee bultoonni kunneen ganni darbe gabaabbachuun roobni hamma eeggachaa jiran illeen waan dheerateef rakkoon kun muudateera jedhan.

Horiin margaa fi bishaan dhabuun dhumuu jiru akkasumas beelli mudateera.

Horii kana gurgurachuun ofiis tahee horii hafan deeggaruuf gabaan horii waan hin jirreef rakkoo cimaa akka tahes ibsameera

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu, rakkoo bonaatiin horiin miidhamuu ibsuun, beela qaqqabeefis deeggarsi mootummaa taasisee amma nu qaqqaabaa jira jedhan.

Akka OBN gabaaseetti obbo Abdurahamman Abdallaa, mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo kana furuuf boottee bishaan raabsu, galchaa jira, nyaata namaafi horiis dhiheessuutti jiraa, sababa balaa bonaa kanaan hawaasii akka hin miidhamneef hojjetamaa jiraa jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.