Fana: At a Speed of Life!

Godina Buunnoo Beddelleetti Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Cilaaloo Bildimaa eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC)- Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Cilaaloo Bildimaa Birrii miiliyoona 38.6 ijaarame eebbifameera.

Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee obbo Shaafii Huseen haasaa eebba proojektichaarratti taasisaniin, bara kan godinichatti manni barumsaa Ifa Boruu 3 fi Bultiin Addaa tokko baajata mootummaa naannoo Oromiyaa baasii Birrii miiliyoona dhibba 2 miiliyoona 83 oliin ijaaramaa jiraachuu himuuniiru.

Proojektiiwwan akka kana lammiin barate diinagdee biyyaa guddisuu fi sirna cimaa ijaaruu keessatti shoora olaanaa waan qabnuuf daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahe gara mana barumsaatti eerguun akka isaan baratan taasisuun murteessaadha jedhaniiru.

Proojektiin kun bakka hooggansi olaanoon naannoo,Godinaan.aanaa fi haawaasni aanichaa argamanitti eebbifamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.