Fana: At a Speed of Life!

Godina Buunnoo Beddelleetti Rasaasni seeraan alaa kumni 5 ol to’atame

Finfinnee,Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti rasaasni kilaashii kumni 5fi 152 gochaa badiif socho’aa ture to’atamuu ibsme.
Raasasni konkolaataa Hayruufii jedhamuun beekkamu keessa dhokfamuun giddu galeessa biyyaa irraa gara Godina Wallagga Bahaa Naqamteetti imalaa ture shakkamtoota afur waliin to’atameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa godinichaa obbo Kiflee Zawdee, gocha nageenyaa booreessuu fi gochaan badii ABO Shanee godinicha keessatti akka lafa hinqabaneef, ummanni qaamoolee nageenyaa cinaa hiriiruun ga’ee isaanii ba’uu akka qaban dhaamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.