Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Bahaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe

Finfinnee, Adooleessa 29, 2013 (FBC)- Godina Harargee Bahaa magaalaa Cinaaksanitti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbuu poolisiin aanichaa beeksiseera.

Balichi har’a sa’aatii 5tti ganda Qobboorra gara aanaa Cinaaksaniitti imalaa kan turee konkolaataan Ayizuuzii fe’umsaa namoota 29 fi miidhaan fe’ee imalaa ture galagaluun kan qaqqabeedha.

Balaa kanaan lubbuun namoota shanii battalumaa darbuu itti gaafatamaan poolisii aanichaa komaandaar Ahimaddiin Mahaammad ibsaniiru.

Namoota sadirra balaa cimaan yoo gahuu, namoota 14 irra ammoo balaa salphaan qaqqabeera.

Tashoomaa Haayluutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.