Fana: At a Speed of Life!

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbayyii Coommanitti Piroojektoonni misoomaa garaagaraa eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti Aanaa pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaastera Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbayyii Coommanitti Piroojektii misoomaa garaagaraa eebbisiseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa piroojektoota misoomaa garaagaraa diriirsuun qonnaan Bultoonnii fi jiraatoonni magaalaa diinagdeen akka of danda’aniif hojjetaa jiraachuu Dooktar Girmaan.

Xiyyeeffannoon barnootaaf kenname galma barbaadame akka gahuuf, mana barumsaa ijaaruu qofti gahaa waan hin taaneef, barattoonnii fi dhimmamtoonni barnootarratti cimanii hojjechuu akka qaban Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Mirreessaa Fiixeen ibsaniiru.

Hawaasnis piroojektoota kanneen kunuunsuu akka dhaamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.