Fana: At a Speed of Life!

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti  belladoonni Shaneen saamamanii turan oppireeshinii nageenyaa gaggeeffameen deebifamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Horroo Bulluqitti,Oppireeshinii nageenyaa gaggeeffameen horiin gaanfaa 110, re’oonni 8 fi hoolonni 5  Shaneen Uummatarraa saamamanii turan deebifamuu ibsameera.

Aanichatti  qabeenyi maatii milishaa fi uummataa irraa Shaneen samamuun bakka garaagaraatti ugguramee ture oppireeshinii qindaa’aa gaggeeffameen fi eeruu uummanni kenneen deebifamuu qaamoleen nageenyaa oppireeshinicharratti hirmaatan himaniiru.

Qindoomina qaamolee nageenyaa fi hirmaannaa hawaasaan oppireeshinii nageenyaa gaggeeffameen injifannoowwan adda addaa argamanii jiraachuu Aanaa Horroo Bulluqitti Gargaaraan Inspeektaraa Firoomsaa Oljirraa himaniiru.

Qaamolee farreen nageenyaa kana dhabamsiisuun olaantummaan seeraa akka kabajamuuf uummannis eeruu kennuun gahee irraa eegamu bahuu akka qabus dhaamaniiru.

Qaamolee farreen nageenyaa fi misoomaa ta’aniin miidhaa garaagaraa fi saamicha hawaasa irraan gaha jiru hambisuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Makonniin Abdannaa himaniiru.

Uummatni ijaaramuunii fi qindoomuun nageenya isaa tikfachaa misooma isaa irratti akka hirmaatuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Makkonniin himuue OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.