Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaa fi Shawaa Kaabaatti Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Godina Jimmaa fi Shawaa Kaabaatti Shaampiyoonaan waldorgommii Ispoortii Aadaa gaggeeffamuu eegaleera.

Shaampiyoonaan wal dorgommii Ispoortii Aadaa godina Jimmaatti gosoota Ispoortii adda addaan Ispoorteessitoota aanaalee godinichaa hundaarraa hirmaachise guyyaa har’aa eegaleera.

Waldorgommichi guyyoottan 8’f gosoota Ispoortii 8’n ni dorgomama jedhame.

Aadaa kunuunsuun dhaloota boruuf dhaalchisuuf xiyyeeffannaan hojjechuun murteessaa ta’uu ibsameera.

Oduma walfakkaatuun Shaampiyoonaan ispoortii aadaa godina Shawaa Kaabaa guyyoota saddeetiif turu guyyaa kaleessaa eegaleera.

Aadaa, seenaa fi duudhaa Oromoo dhalootaatti dabarsuu fi ispoorteessitoota godinicha bakka bu’uun filachuuf yaaddamee kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa marsa 26ffaa bulchinsa magaala fiicheettii gosa ispoortii adda aaddaatiin egaalame kun walittii dhufeenya aanaalee cimsuuf shoora olaanaa qabaachuu ragaan Komishinii Ispoortii naannoo Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.